Fana: At a Speed of Life!

ABO fi THBOn tokkummaa uumuf waliigalan

0 320
Finfinnee, Fulbaana 4,2011 (FBC)-Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Tokkummaan Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO) tokkummaa uumuf waliigalan.
 
Dhaabbileen siyaasaa lamaan tokkummaa uumuf mari’achaa kan turan yammuu ta’u, waliigaluu isaaniirratti har’a ibsa laataniiru.
 
Haaluma kanaan;
 
1. Jaarmiyaaleen lamaan (ABO fi THBOn) humna tokko, caasaa fi hooggasi isaa tokko ta’e ijaarudhaaf,
 
2. Jilli nama sadi, sadii of keessaa qabu dhaabbilee lamaan akka utubu. Jilli gama lamaan irraa utubame kunis adeemsa jaarmiyaalee lamaan qaama tokkotti deebisuu irratti akka saffisaan hojjatu.
3. Jiloonni hojii itti kenname irrattis akka milkaa’an jaarmiyaalee lamaan gargaarsa barbaachisaa akka taasisaniif murteessaniiru.
 
Dhuma irratti, dhaabbilee siyaasaa Oromoo biroo waliinis haaluma kanaan walitti dhufuun, moraa qabsoo Oromoo itichuuf akka hojjatamu waamicha dhiyeessaniiru.
 
Maddi; Sagalee Bilisummaa Oromoo
Comments
Loading...