Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti qorichaa fi dhiiga diroonin geejjibuuf yaalin taasifame

0 181
Finfinnee, Fulbaana 3,2011 (FBC)- Ityoophiyaatti yeroo jalqabaaf qorichoota bu’uraa, talaalli fi dhiiga xiyyaara diroonin geejjibuuf yaalin taasifamee jira.
 
Teeknooloojicha hojiirra oolchuf Ministeerri Saayiinsii fi Teeknooloojii Ministeera Eegumsa Fayyaa waliin hojjechaa jiraachuu Ministirri Eegumsa Fayyaa Dooktar Amiir Amaan ibsaniiru.
 
Duroonoonni yaalin ittiin taasifame haala qilleensaa kamiiyyuu keessatti kan hojjetanii fi qoricha fi dhiiga geejjibuu ni danda’u jedhameera.
 
Duroonin kun ulfaatina hanga kiloo giraama 5 kan baattu fi geeche deebi’uuf kiloomeetira 300 kan imaltu yoo ta’u,meetira kuma 5 ol kaatee balaliiti.
Comments
Loading...