Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad fi  Saalvaa kiir waliin mari’atan

0 97
 Finfinnee, Fulbaana 3,2011 (FBC)- Muummen Ministira FDRI Dooktar Abiy Ahimad Preezdaantii Suudan Kibbaa Saalvaa kiir waliin waajjira isaanitti mari’atanii jiru.
 
Walii galtee garee mormituu Suudan Kibbaa waliin mallatteeffame dafee hojiitti hiikkamuu haal qabaatu irratti mari’ataniiru.
 
Walii galtee nageenyaa preezdaant Saalvaa Kiir fi hogganaa garee mormituu Riik Maachar dabalatee mormitoota biroo waliin mallatteeffameera.
 
Walatajjii dureewwan IGAD 33ffaa irratti kan argaman Dura Taa’an IGAD yeroo ammaa Dooktar Abiy Ahimad, walatajjiin kun kan gaggeeffame yeroo nageenyi Gaanfa Afrikaa sadarkaa olaanarra jirutti jedhaniiru.
 
Muummeen Ministiraa IGAD nageenya Suudan Kibbaa irratti gahee isaa bahachuuf galateeffataniiru.
Preezdaantin Suudan Kibbaa Saalvaa Kiir, marii booda ibsa kennaniin, hariiroo biyyoota lamaanii irratti mari’achuu beeksisaniiru.
 
Ityoophiyaan fi Suudan Kibbaa proojektoota waliin hojjechuuf karoorafatantu jira kan jedhan Saalvaa Kiir dhimmicha irratti bal’inaan mari’achuu ibsaniiru.
 
Proojektoota itti fuufsiisun walitti dhufeenya biyyoota lamaanii cimsuu irratti walii gallee jirra jedhaniiru.
 
Ityoophiyaan nageenya Suudan Kibbaaf gahee olaanaa taphachuu Saalvaa Kiir eeraniiru.
 
Nageenyi biyyattiitti akka bu’uuf gaheenMuummee Ministiraa Dooktar Abiy olaanaa ta’uus himaniiru.
Comments
Loading...