Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Joorj Wiihan taba michummaa Laaybeeriyaa fi Naayjeeriyaarratti hirmaatan

0 246
Finfinnee, Fulbaana 2,2011(FBC)- Preezdaant Joorj Wiihan taba kubbaa miillaa Laaybeeriyaa fi Naayjeeriyaan taasisterratti hirmaatan.
 
Tabni isaan irratti hirmaatanis qalbii namootaa hawwateera.
 
Tabni michummaa Laaybeeriyaa fi Naayjeeriyaa kaleessa Moonrooviyaatti gaggeeffameera.
 
Tabataan kubbaa miillaa duraanii fi preezdaantiin Laaybeeriyaa ammaa Joorj Wiihan umrii isaanii 51ffaatti biyya isaanii bakka bu’uudhan kaleessa dirree kubbaa kan seenan.
 
Tabataan kubbaa miillaa jaalatamaa duraanii preezdaant Joorj Wiihan daqiiqaa 79f biyya isaatif tabateera.
 
Taba michummaa kanaan Laaybeeriyaan Naayjeeriyaadhan 2f 1n injifatamteetti.
 
Tabataan kubbaa miillaa Afrikaa fi ifataan garee Miilaan duraanii Amajjii darbe preezdaantii Laaybeeriyaa ta’anii filatamanii biyya isaanii tajaajilaa jiru.
 
Joorj Wiihan tabataa cimaa Afrikaa ta’uudhan badhaasa addunyaa Fifan qopheesse fudhacuun isaa ni yaadatama.
 
Maddi; BBC
Comments
Loading...