Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoota obbbolummaa fi waliin jireenya dhaalchisuu qabna-Dr. Dabratsiyoon

0 264

Finfinnee, Fulbaana 1,2011(FBC)- Dargaggoota waraana osoo hin taane obbolummaa fi waliin jireenya dhaalchisuu qabna jedhan Preezdaantin naannoo Tigraay Dooktar Dabratsiyoon Gabramikaa’el.

Dooktar Dabratsiyoon kana kan jedha kabaja bara haaraa ummatni Ityoophiyaa fi Eertiraa wa;liin Zalambassaatti kabajan irratti.

Gocha badaa kanaan dura ture dhaabun boqonnaa haaratti kan ceesisan dureewwan biyyoota lamaanii galateeffataniiru.

Hiriyoota keenya Eertiraa waliin yeroo qabsoo  waliin qabsa’aa turre, waan baay’ee waliin dabarsine,nageenya amma argameef aarsaa olaanaa kaffalame jedhan Dooktar Dabratsiyoon.

Waraana hin barbaachisne keessa galuun tasumallee sirrii hin turre kan jedhan Dooktar Dabratsiyoon,yeroo itti aanutti ummatni lamaan obbolummaa keenya cimsachuu qabna jedhaniiru.

Lafeen qabsaa’otaa lafatti kan bannee fi bu’uura guyyaa har’aa kana ta’uus eeraniiru.

Gocha badaa kanaan dura ture dagachuun jaalala bakka buusuf kutannoon kaaneerra jedhan Dooktar Dabratsiyoon.

Comments
Loading...