Fana: At a Speed of Life!

Albashir kaabinee isaanii diigan

0 1,260

Finfinnee, Qaammee 5,2010(FBC)- Preezdaantin Suudan Omaar Hassan Albashir qala’iinsa dinagdee biyyattii muudate tasgabeessuf kaabinee isaanii diigan.

Preezdaantich kaleessa ibsa kennanniin kaabinee diiguu cinaatti miseensota kaabinee 31 ture gara 21 deebisuu isaanii ibsaniiru.

Albashir kana kan murteessaniif baasii mootummaa hir’isuu fi rakkoo sharafa alaa muudate furuuf akka ta’e ibsaniiru.

Qala’iinsa dinagdee furuun abdii ummata biyya isaanitti horuuf irra deebin mootummaa haala haaran kan gurmeessan ta’uu himaniiru.

Suudanitti yeroo ammaa kana qala’iinsi dhibbentaa 65 gahuu ragaan ni mul’isa.

Dinagdeen biyyattii raafamuu kan eegale waggaa 7 dura yeroo Suudan Kibbaa akka biyyatti of dandeeche ture.

Comments
Loading...