Fana: At a Speed of Life!

DhMG walii galtee Eertiraa fi Jibuutii dhinqisiifate

0 171

Finfinnee, Qaammee 4,2010(FBC)- Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti barreessan Olanaa Antoniyoo Gutrees Ityoophiyaadhan walii galteen Eertiraa fi Jibuutii gidduutti dhufuu dinqisiifatan.

Gutrees Ityoophiyaa, Eertiraa, Somaaliyaa fi Jibuutin walii galtee eegalan gaanfa Afrikaa bira darbee biyyoota biroof fakkeenyummaa guddaa qaba jedhaniiru.

Jalqabbii gaarii biyyootni kunneen amma mul’isan akka itti fufiinsa qabaatuf dhaabbanni isaanii ni deeggara jedhaniiru.

Torbee kana Muummeen ministira Dooktar Abiy Ahimad, Preezdaant Isaayyaas Afawarqii fi preezdaant Somaaliyaa gidduutti marii taasifameen rakkoo Jibuuti fi Eertiraa gidduu jiru furuuf Ministiroota Dhimma Alaa isaanii gara Jibuutii erguun ni yaadatama.

Haaluma kanaan Preezdaantin Jibuutii Omaar Giillen tattaaffii mootummaa Ityoophiyaa rakkoo biyyoota lamaan gidduu jiru hiikuf taasisaa jiru galateeffataniiru.

Comments
Loading...