Fana: At a Speed of Life!

Gibts namoota 75 irratti adabbii du’aa dabarsite

0 267
Finfinnee, Qaammee 3,2010(FBC)- Gibts namoota 75 irratti murtee du’aa dabarsite.
 
Manni murtii olaanaa Gibts hoggansa Obboleeyyan Muusliimummaa dabalatee namoota 75 irratti murtee du’aa dabarseera.
 
Manni murtichaa namoonni kanneen bara Faranjootaa 2013 Kaayrootti guyyoota 45f hiriira mormii seeran alaa gaggeessaniiruni murticha kan dabarse.
 
Namoonni murtichi irratti dabarfame gama isaanitiin hiriirichi preezdaantii Gibts kan turan Mohaammad Muursii deeggaruun akka ba’an ta’uu ibsaniiru.
 
Hiriira gaggeeffamerratti namoonni kumni 85tti siqan hirmaataniit turan.
 
Yerichatti namoonni hedduun kan hidhaman yammuu ta’u, 800 ol hidhamaniiru.
 
Sana booda Mohaammad Muursin taayitaa isaanii raayyaa ittisa biyyaa Gibtsiif dabarsanii laataniiru.
 
Maddi; Aljaziiraa
Comments
Loading...