Fana: At a Speed of Life!

Meeshan hamma bishaan biqiltoonni barbaadan lakkaa’u qophaa’e

0 314

Finfinnee, Qaammee 2,2010(FBC)-Meeshan hamma bishaan biqiltoonni barbaadan lakkaa’u dargaggeessa Ityoophiyaatin qophaa’e.

Meeshan kun dargaggoo Heenok Addisuun kan qophaa’e yoo ta’u, dadhabbii qonnaan bultoota fi qisaasama bishaanii kan hir’isuudha jedhameera.

Kalaqni dargageessa kanaa Ityoophiyaanoonni teekinooloojii kalaquun rakkoo isaanii furachuu akka dand’an kan agarsiisedha.

Heenok Addisuu kalaqa kanaan dorgommii Imbaasin Ameerikaa qopheesse kan injifate yoo ta’u, barataa Yuunvarsiitii Hawaasaa muummee Eleektiroo Makaanikaal Injinaargii waggaa 4ffaati.

Comments
Loading...