Fana: At a Speed of Life!

Gabaa ayyaanaarratti hanqinni dhiyeessii akka hin mudanne hojjetamaa jira jedhame

0 123
Finfinnee, Qaammee 2,2010(FBC)- Ayyaana bara haaradhaan walqabatee hanqinni gabaa akka hin mudanne hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Daldalaa beeksise.
 
Hogganaan koominikeeshinii ministeerichaa obbo Wandimmuu Filaatee akka himanitti gabaarratti hanqinni dhiyeessii daakuu akka hin mudanne xiyyeeffannaadhan hojjetamaa jira.
 
Kanaan dura konkolaattota walharkisan 40n daakun qamadii gara biyyaa galaa ture kuntaalli kumni 25,900 baaburaan Adaamaa akka galu taasifamuusaa obbo Wandimmuun himaniiru.
 
Kanaan ala Koomiishinii Hoggansa Sodaa Balaarraa qamadiin liqeeffatamee raabsameera.
 
Faanaa Broodkaastiing Koorporeet haala naannoleen irra jiran qulqulleessuuf biirolee daldalaa naannoo Oromiyaa, Amaaraa fi Kibbaa dubbiseera.
 
Isaanis kootaa federaalarraa laatameef raabsaa jiraachuu himaniiru.
 
Oromiyaan dhiyeessin qamadii baatichaa kuntaalli kumni dhibba 1 fi kumni 25 yeroodhan isa qaqqabuu akka hin dandeenye Biiroo Daldalaa fi Gabaa Oromiyaatti daayreektarri eegumsa mirga shamattootaa fi dorgommii daldalaa obbo Cammar Olqabaan himaniiru.
 
Sababii kanaan ayyaana bara haaradhaaf hanqinni daakuu qamadii mudachuu akka malu kaasaniiru.
 
Naannoo Amaaraattis oomishti irra jireessi fe’amuu ibsee, ga’aa akka hin taane Biiron Daldalaa Naannoo Amaaraa himeera.
 
Naannon Kibbaa kan ramadameef isa qaqqabuu beeksisee raabsaarratti garuu qaawwi mudachuusaa Biiron Daldalaa fi Indaastirii naannichaa beeksiseera.
Comments
Loading...