Fana: At a Speed of Life!

Dureewwan Iiraan, Tuurkii fi Raashiyaan dhimma Sooriyaa irratti mari’achuufi

0 716

Finfinnee, Qaammee 2,2010(FBC)-Preezdaantonni biyyoota  Iiraan, Raashiyaa fi Tuurkii dhimma Sooriyaa gara fuula duraatti mari’achhuf Teehraanitti wal beellamatan.

Xiyyeeffannoon marii isaanis waraana biyyattii keessatti deemaa jiru, keessattuu Idliib deebisuuf taasifamaa jiru irratti jedhame.

Waltajjiin har’a gaggeeffamu kun marii sadaffaa Preezdaant Hassaan Rohaanii,Vlaadmer Puutin,Reesib Taayyib Eerdoogan waliin gaggeessan yoo ta’u, waraana Sooriyaa diigaa jiruuf furmaata ta’u yaadni jedhu himamaa jira.

Mootummaan Sooriyaa Idliib waggaa sadi dura garee mormitootan fudhatame deebisuuf waraana cimaa gaggeessaa jira.

Iiraan, Raashiyaa fi Tuurki dhimma Sooriyaa irratti fedhii dhuunfaa kan qabaniidha.

Madda: Aljeeziraa

Comments
Loading...