Fana: At a Speed of Life!

Firiin qormaata kutaa 10ffaa ifoome

0 6,366

Finfinnee, Qaammee 2,2010(FBC)-Ejansiin Madaallii fi Qormaata barnootaa Biyyaalessaa firiin qormaata kutaa 10ffaa ifoomuu beeksiise.

Barattoota qorumsa fudhatan keessaa kumni 7 ol qabxii 4.0 kan fidan yoo ta’u, kana keessaa kuma 2 fi 375 dubartoota jedhameera.

Qormaata biyyaalessaa kutaa 10ffaa bara 2010 Caamsaa 22 hanga 24,2010tti barattootni miliyoona 1 fi kuma 200 fi 676 fudhataniiru.

Barattopota qormaata fudhatan keessaa 71.4 qabxii darbiinsaa kan fidan yoo ta’u,qabxiin ittiin darbiinsaa dhiirotaaf 2.71,dubartootaf 2.57 ta’uu ibsameera.

Naannolee guddattootaf dhiirotaaf 2.43, dubartootaf 2.29 akkasumas qaama miidhamtoota dhiirotaaf 2.14, dubartootaf 2.0 ta’uu himameera.

Sa’aa 12 irraa eegalee rtn 8181 fi weebsaayitii Ejansichaa http://app.neaea.gov.et/Home/Student irratti koodii galchuunilaallachuu danda’u

Comments
Loading...