Fana: At a Speed of Life!

Paraagaay imbaasii ishee Tel Avivitti deebiste

0 450

Finfinnee, Qaammee 1,2010(FBC)- Paraagaay imbaasii ishee Iyyarusaalem irraa gara Tel Avivitti deebisuu beeksistee jirti.

Ministirri Dhimma Alaa Paraagaay Liwuus Albeerton, biyyi isaanii Baha Giddu Galeessatti nageenyi akka bu’u barbaaddi jedhaniiru.

Israa’el gama isheetin imbaasii ishee Paraagaay cufuun ambaasaaddara ishee gara biyyatti akka deebi’u waamtee jirti.

Felisxeem ammoo imaabaasii ishee Paraagaayitti ariitin banuu beeksistee jirti.

Madda: Aljeeziraa

Comments
Loading...