Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaa lamaan mari’achuufi

0 96
Finfinnee, Qaammee 1,2010(FBC)-Kooriyaa lamaan Fulbaana keessa walga’ii waliinii gaggeessufi.
 
Kooriyaa Kibbaa fi Kooriyaa Kaabaa dhimmoota biyyoota isaaniirratti mari’achuuf waliigaluun beellama qabataniit turan.
 
Marichaanis Kooriyaa Kibbaa naannoo Keesoongitti waajjira waliinii banuuf waliigalaniiru.
 
Baatii darbe keessa preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp ministirri dhimma alaa isaanii Maayik Poompiyoon daawwii isaanii Kooriyaa Kaabaa akka haqan ajajuun isaanii ni yaadatama.
 
Sanaan booda hariiron Kooriyaa lamaanii akka duriis ta’uu baatu laaffateet ture.
 
Marii ammaatinis biyyoonni lamaan tarkaanfiiwwan humnaarra nagayaan waa’ee biyyoota isaaniirratti marii eegalan itti fufuuf murteessaniiru.
 
 
Marichaanis waliigalteewwan addaddaarra ni qaqqabuun eegamu.
 
Murteewwan Paanmuunjoom maalirra akka ga’es ni gamaaggamu.
 
Naannoo Kooriyaa sodaa nuukleeraa keessaa baasuuf kan mari’atan ta’uus CGTN gabaasera.
 
Preezdaantiin Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun dhimma nuukleeraarratti Kooriyaa Kibbaa waliin qofa osoo hin taane Ameerikaa waliinis mariin ni barbaadu.
Comments
Loading...