Fana: At a Speed of Life!

Feesbuukin taphachiistuu viidiyoo sadarkaa addunyaatti hojiirra oolchufi

0 343

Finfinnee, Qaammee 1,2010(FBC)-Miidiyaan hawaasaa guddichi Feesbuukin taphachiisaa viidiyoo “Feesbuuk Wach” jedhamu Yuu Tuubin dorgomu sadarkaa addunyaatti hojiirra oolchuf akka ta’e beeksiise.

Tajaajilli viidiyoo feesbuukii haaran kun fayyadamtootni haaluma fedhii isaanitiin viidiyoo barbaadan filatanii ilaaluu danda’au.

Dabalataanis fayyadamtootni viidiyoo irratti yaada isaanii kennuu akka danda’an kan dandeessisuudha jedhame.

“Feesbuuk Wach” bara faraanjootaa Adoolessa 2017 irraa eegalee Ameerikaa keessatti qofa tajaajila kennaa kan ture yoo ta’u, yeroo ammaa kana addunyaa guutuf ifoomsee jira.

Tajaajila Ameerikaatti kennaa tureen ji’atti namoonni miliyoona 50 ta’an fayyadamaa turaniiru.

Feesbuukin tajaajila viidiyoo kana addunyaaf dhiyeessun lakkoofsa fayyadamtootaa dabaluu maddiitti, beeksiisa irraa galii guddaa ni argata jedhameera.

Madda: www.techworm.net

Comments
Loading...