Fana: At a Speed of Life!

Saamsang bilbila skiriinin isaa dadacha’u barana ifoomsa

0 230

Finfinnee, Hagayya 30,2010(FBC)- Saamsang bilbila sochootuu skiriinin isaa dadacha’u bara Faranjootaa kana ifoomsa.

Dhaabbanni teeknooloojii kun kalaqoota haaraa ida’uudhan teeknooloojii bilbila sochootuunis ta’e kan birootin gabaa duursuuf hojjechaa jira.

Bilbilli dadacha’u kun addunyaarraa kan jalqabaati.

Bilbilichi skiriinii dadacha’u kan qabu yammuu ta’u, gara taableetiittis geeddaramuu danda’a.

Teeknooloojiin haaraan kunis kurmaana lammaffaa bara Faranjootaa 2018tti gabaarra ni oola jedhameet eegama.

Gabaa Saamsang %20n hir’ates ni jajjabeessa jedhameera.

Maddi; CSBC

Comments
Loading...