Fana: At a Speed of Life!

Moorinoo irratti adabbbiin hidhaa murtaa’e

0 2,513

Finfinnee, Hagayya 30,2010(FBC)- Ispeen leenjisaa Maanchistar Yuunaayitid Joozee Moorinoo irratti gibiraan wal qabatee yakka uume jechuun waggaa tokko akka hidhamu irratti murteessite.

Moorinoon yeroo leenjisaa Riyaal maadriid ture kaffaltii gibiraan shakkameet adabame.

Akka gabaase Aljeeziraatti adabbii kana Moorinoon amanee fudhatee jira.

Akka seera biyyattiitti adabichi waggaa lamaa gadi waan ta’eef akaakun adabbii jijjiiramauufi danda’a jedhameera.

Abbaan Taayitaa galii biyyatti Moorinoo galii gibiraa Doolaara miliyoona 3.8tin himate.

Haaluma walfakkaatun ji’a Waxabajjii Kiristaanoo roonaaldoo adabamuun isaa ni yaadatama.

Madda: Aljeeziraa

 

Comments
Loading...