Fana: At a Speed of Life!

Bubbee hamaan Jaappaanitti muudate lubbuu nama 10 galaafate

0 97
Finfinnee, Hagayya 30,2010(FBC)- Jaappanitti bubbeen hamaan Taayfoon jedhamu lubbuu namoota 10 yoo galaafatu namoota 300 ol irraan miidhaa qaamaa gahuu dubbi himaan mootummaa Yooshihide Suugaa ibsaniiru.
 
Bubbeen kun waggoota 25 darban keessatti isa jalqabaa yoo ta’u, magaalota akka Kyoto fi Osaakaa daran miidhee jira.
 
Tajaajilli geejjiba xiyyaaraa, baaburaa fi bidiruu naannoo kanatti kan adda cite ta’uu himameera.
 
Haala kanaan balaan sigiiga lafaa fi lolaa umaamuu waan danda’uuf namoonni miliyoona 1.2 ta’an qa’ee isaanirraa ni baqatu jedhameera.
 
Madda: BBC
Comments
Loading...