Fana: At a Speed of Life!

Haleellaa Idliibin namoonni hedduun miidhamuu malu jedhame

0 122
Finfinnee, Hagayya 29,2010(FBC)- Idliib tuquun balaa hamaa kan qaqqabsiisu ta’uu preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp beeksisan.
 
Idliib Sooriyaatti lafa to’annaa finciltootaa jala jirtudha.
 
Mootummaan Sooriyaa, Raashiyaa fi Iiraan lafa finciltoonni to’atanii jiran kanatti buunan rakkoon hamaan dhalachuuf akka jiru Traamp akeekkachiisaniiru.
 
Rakkoo mootummoonni sadan qindoominaan Idliibitti raawwataniin lubbuun namoota kuma dhibbaan lakkaa’amu miidhamuu mala jedhan Traamp.
 
Mootummaan Sooriyaa bulchiinsa Idliibirratti waraana cimaa banuudhaf qophaa’aa jiraachun ibsameera.
 
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanis dubbii barbaachi mootummaa Sooriyaa lubbuu kumaatama wareeguuf akka deemu akeekkachiisera.
 
Waashiingitan kaleessa ibsa baasten akka beeksistetti Sooriyaanis haataatu michoonni ishee Raashiyaa fi Iiraan Idliibitti dogoggoraanis haata’u beekaa haleellaa keemikaalaa raawwannaan wal hin dhiisnu jetteetti.
 
Finciltoonni naannolee Sooriyaa hedduutti mootummaadhan injifatamaniiru.
 
Haata’uutii bulchiinsi Idliib kaaban waraana walii waliinii isa hamaa ta’uu malaan sodaatameera.
 
Akka tilmaama Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti hidhattoonni al-Nusraa fi al-Qa’eedaa kuma 30 ol ta’an Idliib jiru.
 
Mootummaan Sooriyaa preezdaant Bashir al-Asaadiin duurfamu Idliibitti waraana cimaa banuudhaf of qopheessera jedhameera.
 
 
Maddi; BBC
 
 
Comments
Loading...