Fana: At a Speed of Life!

Faraansaay barattootni  sadarkaa 1ffaa bilbila akka hin fayyadamne dhorkite

0 814

Finfinnee, Hagayya 29,2010(FBC)- Mootummaan Faraansaay barattootni sadarkaa 1ffaa bilbila akka hin fayyadamne dhorkuu beeksiise.

Haalli kunis kan murtaa’ef barattootni yaada tokkoon barnoota isaanii irratti akka xiyyeeffatan yaadameeti jedhame.

Gama biraanis dhimmoota wal qunnamtii saalan wal qabatan hanbiisuufis tarkaanfii tokko ta’uu danda’a jedhameera.

Labsiin ji’a Adoolessaa ragga’e kun bilbiloota fi sa’aatii harkaa ammayyaa irree akka dhorkaman kan godhuudha.

Biyyattiitti umurii 12 hanga 17 gidduu kan jiran dhibbeentaan 90 bilbila kanneen fayyadamaniidha.

Ministirri barnootaa Faraansaay Zhiyaan Misheel barattoota murtiin kun miliyoona 12 barnoota isaanii haalan akka hordofan taasisa jedhaniiru.

Labsii bahe kana manneen barnootaa haala isaanii mijatuun hojiirra akka oolchan ergaan darbee jira.

Madda: Miraar

Comments
Loading...