Fana: At a Speed of Life!

Biiran addaa dhukkubsatoota kaansariif oolu Cheekitti oomishame

0 201

Finfinnee, Hagayya 28,2010(FBC)- Rippaabilika Cheekitti biiran dhukkubsatoota kaansariif oolu oomishamuu beeksifame.

Biiricha dhaabbata teesson isaa Cheek magaala Paargaa ta’e tokkotu biiraa Maamaa jedhamu oomishe.

Biiran kun kaansarii harmaa hadhooliin qaban kan itti fooyyeessuudha jedhame.

Keessattuu biiran kun viitaminii fi miniraalota of keessaa qabuun dhukkubsatootni kaansarii yeroo wal’aansaa akka dandamatan taasisa.

Warshaan biiraa kana omiishifuuf ji’a 6 ol kan itti fudhate yoo ta’u, ammatti namoota baay’en fudhatama argatee jira.

Biirichi ammatti gabaa irra akka ooluf raabsamaa jira.

Madda; www.odditycentral.com

Comments
Loading...