Fana: At a Speed of Life!

Xiyyaarri hannaan balaliifamte caccabde

0 137

Finfinnee, Hagayya 5,2010(FBC)- Hojjetaan xiyyaara hatee balali’e xiyyaarattii kuffise.

Buufata xiyyaaraa Siyaatilii namichi xiyyaara hate iddoolarra yoo ga’u, xiyyaarattii kuffiseera.

Hojjetichi eeyyamaan ala buufaticha irratti dhiibbaa uumudhaan, xiyyaara nama hin fe’in balaliisera.

Xiyyaarattii to’achuudhaf xiyyaaronni lolaa lama duukaa ka’aniit turan.

Balaa qaqqabeen namichi miidhamuu akka hin oolin eerameera.

Poolisiin naannichaa akka beeksisetti namichi umriin isaa 29 xiyyaarattii seeran ala kaasee baduuf ture shororkeessaa miti.

Xiyyaarattiin kan Daandii Qilleensa Alaaskati.

Maddi; BBC

Comments
Loading...