Fana: At a Speed of Life!

Tola ooltonni daangaa cehaa Amboo galaniiru

0 96

Finfinnee, Hagayya 4,2010(FBC)- Tola ooltonni daangaa cehaa Amboo galaniiru.Gareen tokko kaleessa magaalaa Adaamaa galuun isaa ni yaadatama.

Tola ooltummaan Gannaa baratamaa dhufus, tibbaan daanga’uun isaa dhiibbaa qaba ture.

Ogeeyyonni damichaa akka gorsanitti tajaajilichi dhaabbataadhan akka itti fufu hojimaanni mataasaa danda’e diriirfamuufii qaba.

Muummee ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Hagayya 1,2010 dargaggoota hojii tola ooltummaa daangaa ceehu irratti hirmaatan; barattoota ebbifmantoota naannoolee fi magaalota hunda irraa walitti babba’an kuma 1f ibsa laachun isaanii ni yaadatama.

Hojiin tola oltummaa daangaa cehuun raawwatamu kun hagayya 1 hanga 15,2010tti gaggeeffama.

Dargaggoonni kunneen naannoo jiraatan irraa gara naannoo biraatti imaluun hojii tola oltummaa ni raawwatu.

Hojiin akkanaa kun walitti hidhamiinsa ummataa fi jireenya hawasummaa kan dagaagsudha jedhamee yaadama.

Ministeerri Dargaggoo fi Ispoortii, Ministeerri Saayinsii fi Teekinooloojii, Ministeerri Barnoota fi Ministeerri Naannoo, Bosonaa fi Jijiiirama Qilleensa sagantaa kana waliin gaggeessan.

Tajaajila tola oltummaa daangaa cehaa malees hojiin tola oltummaa Gannaa dargaggootaa bara kanaan dargagoonni miliyoona 13.6 tajaajila kennaa jiru jedhameera.

Comments
Loading...