Fana: At a Speed of Life!

Tigraay jaarmiyaalee siyaasaa karaa nagayaatin socho’an waliin hojjechuu akka barbaadu beeksise

0 52

Finfinnee, Hagayya 5,2010(FBC)-Naannon Tigraay dhaabbilee siyaasaa fi dhalattoota naannichaa karaa nagayaatin socho’an waliin hojjechuu akka barbaadu beeksise.

Mootummaan Ityoophiyaa dhaabbilee fi namoonni siyaasaa karaa nagayaatin socho’uu barbaadan gara biyyaa deebi’anii qabsaa’uu akka danda’aniif waamicha dhiyeessun isaa ni yaadatama.

Mootummaan naannoo Tigraayis Tagaaruu fi dhalattoota naannichaatif waamicha walfakkaataa dhiyeessera.

Haaluma kanaan naannichi humnoota karaa nagayaatin qabsaa’an waliin walitti dhiyeenyan hojjechuuf qophii ta’uusaa beeksiseera.

Bifuma kanaan kanaan dura karaa nagayaatin qabsaa’udhaaf murteessanii gara biyyaa osoo hin galin kan hafan; hoggansii fi miseensi Sochii Demokraasummaa Ummata Tigraay gara naannichaa akka deebi’anii qabsaa’an waamicha dhiyeessera.

Mootummaanis haala mijataa uumudhaaf qophii ta’uusaa ibsa baase kanaan mirkaneessera.

Comments
Loading...