Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo hanqina sharafa alaatin dhiyeessin dawaa mudatee ture furamaa jira- Dr Amiir

0 74

Finfinnee, Hagayya 5,2010(FBC)-Rakkoo hanqina sharafa alaatin dhiyeessin dawaa mudatee ture furamaa jiraachuu Ministeerri Eegumsa Fayyaa beeksise.

Ministirri ministeerichaa Dooktar Amiir Amaan Tajaajila Oduu Ityoophiyaatti akka himanitti, hanqinni qorichaa sababii rakkoo saharafa alaatin mudachaa ture amma furamaa jira jedhaniiru.

Sadarkaa biyyaatti dawaa dhibee sukkaaraa dabalatee dhiyeessii qoricha hedduurratti hanqinni mudateet ture.

Mootummaan rakkoo mudachaa tureef fala kennaa jiraachuus Dooktar Amiir himaniiru.

Sanarraa kan ka’e dawaalee alaa galaniif xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jiraachuu ministirichi ibsaniiru.

Keessattuu dawaa dhibee sukkaaraarratti hanqina sharafa alaa mudateen ala, dhaabbanni qorichicha oomishu maqaa geeddaruu isaatin hawaasa birratti burjaajjin mudateet ture jedhan Dooktar Amiir Amaan.

Burjaajjii mudate furuudhaf ogeeyyonni yaalaa hojjechaa turuu fi amma dhiyeessiirrattis rakkoon akka hin jiraatin himaniiru.

Comments
Loading...