Fana: At a Speed of Life!

Omaar Albashir filannoo preezdaantummaaf yeroo 3ffaaf kaadhimaman

0 105

Finfinnee, Hagayya 4,2010(FBC)-Preezdaantin Suudan Omaar Albashir filannoo preezdaantummaa bara 2020 gaggeeffamuuf yeroo 3ffaaf kadhimummaan akka dhiyaatan paartin isaanii murteesse.

Waltajjii marii paartin isaanii gaggeessen Omaar Albaashir yeroo sadaffaaf filannoo preezdaantummaaf akka dorgoman murteessee jira.

Bu’uura heera mootummaa biyyattiin yeroon preezdaantummaa Omaar Albaashir bara faraanjootaa 2020tti akka xumuramu ragaan ni eera.

Omaar Albaashir yeroo jalqabaaf akka lakkoofsa faraanjootaatti bara 2010 preezdaantii Suudan ta’anii filataman.

Maddi: Anaadooluu

Comments
Loading...