Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Somaalee tasgabbeessudhaaf koomaand poostin hundaa’e

0 47
Finfinnee, Hagayya 4,2010(FBC) -Naannoo Somaaletti koomaand poostin Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Federaalaa fi Poolisii Addaa naannichaa hammate hundaa’e.

Raayyaa ittisaa biyyaatti hogganaa olaanaan qajeelcha kibba bahaa Meejar Janaraal Balaay Siyyuum, koomiishinarri Koomiishinii Poolisii naannoo Somaalee fi hoggansi nageenyaa biroo bakka argamanitti magaalaa Jigjigaatti mariin gaggeeffameera.

Marichaan humni nageenyaa federaalaa fi naannichaa waltumsaa fi qindoominaan hojjechuuf waliigalaniiru.

Hogganaan qajeelcha kibba bahaa humni nageenyaa kun nananichi nagaa fi tasgabbiitti akka deebi’u ajaja raayyaa ittisaa jala galuudhan akka hojjetus murtaa’era jedhaniiru.

Koomaand poostin hundaa’e nagaa fi tasgabbii naannichaatif qindoominaan kan hojjetu ta’uu hogganaa olaantichi himaniiru.

Daawiit Masfintu gabaase.

Comments
Loading...