Fana: At a Speed of Life!

Naannon Somaalee tasgabbaa’aa jiraachuu Dooktar Abiy himan

0 74

Finfinnee, Hagayya 5,2010(FBC) – Nageenya naannoo Somaalee Ityoophiyaa amansiisaa taasisuudhaf hojjetamaa jiraachuu muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad himan.

Kanaafis hoggansa, jaarsolii fi qooda fudhattoota naannichaa waliin nageenya waaraa uumun akkaataa danda’amurratti mariin gaggeeffamee waliigalamuusaa himaniiru.

Yeroo ammaas naannichi nagaa fi tasgabbii duraatti deebi’uusaa Dooktar Abiy ibsaniiru.

Badiin lubbuu namaa fi qabeenyarra ga’es gaddisiisaa ta’uusaa himaniiru Dooktar Abiy.

Naannoo Somaaletti qaamoleen waa’ee fottoquuf kaasan jiraachuu kan gaafataman muummee ministiraa Dooktar Abiy, ummanni Ityoophiyaa biqiltuu miti callisee kan fottoqu; rakkoo namoonni dhuunfaa uuman ammoo kallattii qabsiisudhaaf hojjetamaa jira jedhaniiru Dooktar Abiy Ahimad.

Comments
Loading...