Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Emmireetonni Arabaa Gamtooman ummoo dabarsa boba'aa Asabii amma Finfinneetti diriirsudhaaf waliigalan

0 89

Finfinnee, Hagayya 4,2010(FBC)-Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ministira Waltumsa Idil Addunyaa Emmireetota Araba Gamtoomanii waajjira isaaniitti simachuudhan waliin mari’atan.

Ministirri Waltumsa Idil Addunyaa Emmireetota Araba Gamtoomanii Reem Al Hashiimiin, ergaa Mohaammad biin Zaayid irraa muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiif ergan muummee ministiraatin ga’aniiru.

Marii isaanitiinis Eertiraa; Asabii amma Finfinneetti ujummoo dabarsa boba’aa ijaarudhaaf waliigalaniiru.

Ijaarsicharrattis qorannaa gaggeessudhaaf waliigalteerra kan ga’an yammuu ta’u,waliigalteewwan invastimantii biyyoonni lamaan kanaan dura irra ga’an hojiirra oolchuun haala danda’amurrattis mari’ataniiru.

Ijaarsa riilisteetii fi riizoortii hawwata tuuriizimii gaarren Baalee jalqabuufis waliigalameera.

Haabtaamuu T/sillaasetu gabaase.

Comments
Loading...