Fana: At a Speed of Life!

Hariiroo ummataa cimsuuf hojjetamuu qaba- obbo Jawaar

0 55

Finfinnee, Hagayya 4,2010(FBC)- Magaalaa Baahir Daaritti dargaggoonnii fi qaamoleen hawaasaa naannoo Amaaraa obbo Jawaar Mahaammad waliin mari’ataniiru.

Daayreektarri Oromiyaa Miidiyaa Neetwoork(OMN) obbo Jawaar Mahaammad waltajjicharratti waggoottan darban keessa hariiroo Amaaraa fi Oromoo laaffisuudhaf dhama’amaa turus aarsaa jabaa kaffallee Ityoophiyummaa ammaarra ga’uu dandeenyerra jedhaniiru.

Walfedha ummattoota lamaanii cimsuudhan ijaarsa biyyaarratti dirmachuun barbaachisaa ta’uus obbo Jawaar eeraniiru.

Jijjiirama amma argames galmaan ga’uudhyaf walitti dhiyaannee hojjechuu qabnaanis dhaamaniiru.

Jijjiirama eegalame galmaan ga’uudhaf marii gaggeessuf gara biyyaa akka dhufes obbo Jawaar himeera.

Hayyoonnii fi aktiiviistonni ummata lamaanii hariiroo ummataa eegalame jabeessuurratti akka hojjechuu qabanis ibsaniiru.

Comments
Loading...