Fana: At a Speed of Life!

Haleellaa Taalibaan Afgaanistaan Gahaazniitti raawwateen namootni baay’en du’an

0 71

Finfinnee, Hagayya 4,2010(FBC)-Haleellaa eda Taalibaan Afgaanisataan magaala Gahaaznii irratti raawwateen lubbuun namoota baay’ee darbee jira.

Haleellaa kanaan yoo xiqqaate garee finciltootaa irraa namootni 39 akkasumas raayyaa ittisa biyyaa irraa 14 dua’aniiru.

 

Sa’aatii muraasa keessatti gareen Taalibaan magaalatti too’annoo isaa jala oolchuuf yaalus raayyan ittisaa humna qilleensa deeggaramuun harkaa baasee jira.

Dubbi Himaan Ministeera Ittisaa Mohaammad Raadmanish akka ibseetti magaalittiin amma too’annoo mootummaa harka jirti jedheera.

Akka gabaasan Aljeeziraa Chaarlotte Beellis Kaabulii ibsetti magaalattiin too’annoo mootummaa jala ta’uun ni shakkisiisa, amallee dhukaasni gurguddoon akka dhaga’amu jirattoota irraa odeeffadheera jedha.

Hogganaan hospitaala Gahaanzi Baaz Mohaammad Hemaat akka ibsetti humna nageenyaa irraa namootni 14 yoo du’an 20 madaa’aniiru .

Maddi: Aljeeziraa.

Comments
Loading...