Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Siyyuum Masfin ergaa muummee ministiraa Dr Abiy, Shiinzoo Abeedhan ga’an

0 82
Finfinnee, Hagayya 5,2010(FBC) -Jiddu Gala Bahaa fi Eesiyaatti ergamaan addaa muummee ministiraa FDRI Ambaasaaddar Siyyuum Masfin ergaa muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadirraa muummee ministiraa Jaappaan Shiinzoo Abeedhaf ergame qaqqabsiisan.

Ambaasaaddar Siyyuum Masfin turmaata isaanii Tookiyootin qondaaltota Ministeera Dhimma Alaa Jaappaan waliin mari’ataniiru.

Dabalataanis Dhaabbata Gargaarsaa Idil Addunyaa Jaappaanii fi Eejansii Dhaabbata Daldala Alaa Jaappaan waliin mari’ataniiru.

Marii isaanitiinis dhimmoota biyyoota lamaaniirratti qindoominaan hojjechuudhaf waliigaluu isaanii Jaappaanitti Imbaasin Ityoophiyaa beeksiseera.

Comments
Loading...