Fana: At a Speed of Life!

Addi Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen waraana dhaabu beeksise

0 55

Finfinnee, Hagayya 6,2010(FBC)-Addi Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaaden (ABBO) har’a irraa eegalee waraana dhaabu beeksisee jira.

Dhaabbatichi waraana dhaabuu kan beeksiise Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad waamicha taasiseefin hordofee ta’uu ibsa isaanirratti eeraniiru.

Walitti bu’iinsa Ogaaden jiru mootummaan haaluma eegaleen nageenya akka buusuf kan deeggaran ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaas nageenyi eegalame akka milkaa’uf tarkaanfii addicharratti fudhatu dhaabuu akk qabu hubachiisaniiru.

Manni Maree Bakka Bu’oota FDRI dhaabbilee kanaan dura shoroorkeessummaan farrajaman ABBO dabalatee shoroorkeessummaa irraa kaasun ni yaadatama.

Comments
Loading...