Fana: At a Speed of Life!

Zooniin Diinagdee Addaa Gadaa lafa heektaara 550 Invastimantiif qophii taasisuu ibse

Finfinnee, Adoolessa 17, 2016 (FBC) – Zooniin Diinagdee Addaa Gadaa lafa heektaara 550 Invastimantiif qophii taasisuun bu’uuralee misoomaa garaagaraa ijaaraa jiraachuu ibseera.

Daayrektarri Olaanaan Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa Obbo Mootummaa Tamasgeen akka ibsanitti lafti heektarri 550 Abbootii qabeenyaaf qophii taasifameera.

Hojii Zoonicha beeksisuuf hojjetameen Abbootiin qabeenyaa garaagaraa kaappitaalaa Birrii biiliyoona 100 galmeessisan hojiitti galuuf fedhii qabaachuu eeruun, Abbootiin qabeenyaa Zoonichatti hojii eegalaniis jiraachuu kasaniiru.

Zooniin Diinagdee Addaa Gadaa humna guutuun wayita hojiitti galuu carraa hojiin uumuun,Kaappitaaloota Invastimantii hawwachuu fi oomishaalee biyyaa keessaa guddisuuf faayidaan qabuu olaanaa ta’uu ibsuuTOI gabaaseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.