Zayita leetira miiliyoona 8 gabaaf dhiyeessuuf qophiin taasifameera-Koree Gabaa Tasaggabbeessu
Finfinnee, Qaammee 4, 2013 (FBC)- Ayyaana bara haara 2014 hordofee shamattoonni bifa tasgabba’aan akka oolaaniif qindoomiinaan hojjetamaa jiraachuu Koree Gabaa Tasaggabbeessuu Federaalaa beeksiseera.
Koreen kun torbee darbe hojiiwwan raawwatee hordofee gabaasa Ministeera Daldalaa fi Indaastiriif dhiyeesseen akka ibseetti, ayyaana bara haara hordofee daballii gatii hin mallee akka hin uumamneef qaamolee dhimmi ilaallatuu waliin waliigalteerra gaheera.
Bu’uruma kanaan dhaabbanni qeeraa Ityoophiyaa foon hoolaa kiiloo tokkoo Birrii 210 akkasumas foon sangaa kiiloo tokkoo Birrii 280 gurguruuf waliigalteera gahuun korichi eereera.
Gama waldaa hojii gamtaatin qullibbii diimaan kiiloo giraamni 1 Birrii 27-28, qullubbii adiin Birrii 80-85,xaafii adiin kuntaalaan Birrii 4200-4400, xaafii diimaan Birrii 3700-3900, xaafii maanyaan 4050-4200 gurguruuf waliigalteerra gahuu ibsameera.
Dabalataanis ayyaana bara haara sababbeeffachuun rakkoo zayita nyaata akka hin muudanneef zayita biyya alaarra galu dabalatee biyyaa keessaatti kan oomishamaan leetira miiliyoona 8.7 gatii mootummaan hawaasaaf raabsuuf qophiin xumuramuu ragaan Ministeeraa Daldalaa fi Indaastiriirra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.