Yuunvarsitiin Amboo barattoota kuma 4 fi 497 eebbisiisa jira
Finfinnee, Fulbaana 8, 2014 ( FBC)-Yuunvarsiitiin Amboo barattoota muummee garagaraatin barsiisaa ture kuma 4 fi 497 eebbisisaa jira.
Yuunvarsitichi Barattoota digirii jalqaba, 2ffaa fi Medikaal Dooktarii mummee garaagaraatin barsisa ture eebbisiisa jira.
Eebbifamtoota kanneen keessaa 11 kan ta’an Sudaan Kibbaarraa ‘scholarship’ Yuunvarsitii Ambootti argachuun barachaa kan turaniidha jedhameera.
Eebbifamtonni 27 ammoo Medikal Dooktariidhaan kan eebbifamanidha.
Preezdantii Yuunvarsitii Amboo Dooktar Baay’isaa Laataan hasa’a taasisaniin, Eebbifamtonni bagaa gammaddan jechuun biyyii fi hawaasni keessaan waan guddaa isiinirraa eegaan waan ta’ef oogummaa keessaniin hawaasa keessaan tajaajiluu qabdu jechuun erga dabarsaniiru.
Bulchaan Bulchinsaa Godina Shawa Lixa fi Itti aanan walitti qaba Boordii yuunvarsitii Amboo Obbo Diriirsaa Waqumaa, eebbifamtootaan baga guyya kana gessan erga jedhani boodaa yeroo isiin eebbifamtan kanatti diinii biyya kenyaa diiguuf socha’aa kan jirudha isiin immoo ogummaa keessaniin biyya kenyaa cinaa dhaabbachuu qabdu jedhaniiru.
Eebbifamtonnis ogummaa ittin eebbifamanin hawaasa isaanii tajaajiluf qophii ta’u dubbatu.
Midhaksa Qachaatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.