Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitin Jimmaa jiddugala wallaansa vaayrasii koroonaaf oolu qopheesse

Finfinnee, Bitootessa 30, 2012 (FBC) – Yuunvarsiitin Jimmaa jiddugala wallaansa vaayrasii koroonaaf oolu qopheesse.

Jiddugalli Yaalaa Yuunvarsiitii Jimmaa siree namoota vaayrasii koroonaatin qabaman yaaluuf oolan 200 qopheessera.

Jiddugalichi namoonni vaayrasichaan shakkaman kumni 3 bakki itti keessummeeffaman; tursa addaa qabas jedhameera.

Laabraatoorii, veentileetarri meekaanikaalaa fi meeshaaleen yaalaa guutamuun, ogeeyyiin wallaansa fayyaa 300 ta’anis leenjii fudhachuu isaanii daayreektarri olaanaa Inistiitiyuutii Fayyaa Yuunvarsiitii Jimmaa Dooktar Muhaammad Abbaa Maccaa himaniiru.

Preezdaantiin yuunvarsiitichaa Dooktar Jamaal Abbaa Fiixaan gama isaanitiin meeshaalee qulqullinaa fi vaayrasicha ittisuuf wantoota oolan waan naannorraa argamurraa oomishuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Hawaasa yuunvarsiitichaa fi sooreyyiidhan qindoomuun lammiilee saaxilamoo akka namoota daandirra jiranii gara maatiitti deebisuuf hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.

Jiddugalli yaala vaayrasii koroonaa dhuma torbee kanaatti hojii ni eegala jedhaniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.