Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitin Booranaa bara 2013 hojii ni eegala jedhame

Finfinnee, Muddee 6, 2012 (FBC) – Yuunvarsiitin Booranaa bara 2013 hojii ni eegala jedhame.

Ijaarsisaa waggaa lamaan dura kan eegalame yuunvarsiitichi, bara dhuftu xumuramuun barattoota simatee baruu barsiisuu ni eegala jedhameera.

Ijaarsi marsaa jalqabaa %85 irra qaqqabuu preezdaantiin yuunvarsiitichaa Dooktar Bokkuu Xaajjeen ibsaniiru.

Lafa haawaasni gumaache heektaara 500 irratti ijaarramaa kan jiru.

Gamoowwan 22 Birrii miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 82 ijaarramuun xumurama ajiru.

Rakkoo bishaanii fi galteewwan ijaarsaa hiikuun marsaa lammaffaa dhiyeenyatti jalqabuuf socho’amaa jira jedhan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.