Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Walqixxee, Inistiitiyuutii Teeknooloojii Maasaachuseetis waliin hojjechuuf waligaltee mallatteesse

Finfinnee, Amajjii 8, 2012 (FBC) – Yuunvarsiitiin Walqixxee, Inistiitiyuutii Teeknooloojii Maasaachuseetis waliin hojjechuuf waligaltee mallatteesse.
 
Yuunvarsiitiin Walqixxee Inistiitiyuutii Teeknooloojii Maasaachuseetis Ameerikaa waliin hojjechuuf waligaltee mallatteesse.
 
Waliigalitichi sagantaa barnoota koolleejjii koompiyuutiingii fi infoormaatiiksiin kennamu irratti teeknooloojii ammayyaa’aadhaan deeggarsa yaaliif kan gargaaru ta’uu Yuunvarsiitii Waalqixxeetti itti aanaan preezdaantii dhimmoota akkaadaamii Dooktar Haabtee Duulaa ibsaniiru.
 
Waliigaltichi barnoota kallattii intarneetiin amma Birrii kuma dhibba 1 fi kuma dhibba 60 baasun laatamu, cin waggaa lammaffaan baranaatin booda tolaan laachuu dandeessisa.
 
Gareen deeggarsa barumsaa inistiitiyuutichaa meeshaalee yaalii fiduun sochii eegaleera.
 
Dooktar Habteen lammiileen Ityoophiyaa Ameerikaa jiraatan dhaabbiileen laamaan waliin akka hojjetaniif deeggarsa taasisaaniif galateeffataniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.