Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Wallaggaa mana barumsaa addaa magaalaa Naqamteetti ijaarsisuufi

 
Finfinnee, Hagayya 18, 2012 (FBC) – Yuunvarsiitiin Wallaggaa mana barumsaa addaa magaalaa Naqamteetti ijaarsisuufi.
 
Yuunvarsiitichi mana barnootaa sadarkaa 2ffaa/Wollega University Boarding Secondary School/ ijaaruuf dhagaa bu’uuraa kaa’era.
 
Mana barnootichaa kutaa bulchiinsa Calalaqiitti lafa heektaara 1.3 irratti ijaarsisuuf har’a bakka bu’aan kantiibaa magaalaa Naqamtee obbo Firdiisaa Gammmadaan argamanitti dhagaan bu’uuraa kaawameera.
 
Manni barnootaa kun barattoota dandeettii addaa qabanii fi barnootaa kutaa 8ffaatti qabxii olaanaa galmeessisan dorgomsiisuun barsiisuuf akka ta’e ibsameera.
 
Bara 2013tti yeroo jalqabaatif barattoota 240 simatee barsiisuuf walii gala hanga barattoota 1000tti barsiisuuf akka ta’e Waajjirri Koominikeeshinii Naqamtee beeksiseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.