Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Wallaggaa lammiilee qe’ee fi qabeenyaasaaniirra buqqa’aniif deeggarsa adda addaa taasise

Finfinnee, Hagayya 24, 2013 (FBC)- Yuunvarsiitiin Wallaggaa Kaabaa Ityoophiyaatti lammiilee qe’ee fi qabeenyaasaaniirra buqqa’aniif magaalaa Dassee buufatanii jiraaniif deeggarsa adda addaa taasiseera.

Yuunvarsiitiichi deeggarsa meeshaalee fi midhaan nyaata tasiseera.

Deeggarsi taasifamees Birrii miiliyoona 1 oliitti kan tilmaamamu ta’uu Preezdaantiin Yuunvarsiitii Wallaggaa Dooktar Hassan Yusuuf himaniiru.

Deeggarsichaan meeshaaleen firaashii 100, uffata qorraa 500,Afata 200 zayita,ruuzii, mokoronii, paastaa fi meeshaaleen biroos keessaatti argamuu jedhaniiru.

Efireem Malkaamuutu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.