Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Salaalee mana kitaabaa Abrihootiif kitaabilee kuma 15 ol arjoome

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiin Salaalee mana kitaabaa Abrihootiif kitaabilee kuma 15 ol guyyaa har’aa arjoomeera.

Kitaabilee kanneen Ittaanaan Preezdaantii Qorannoo fi Tajaajila Hawaasaa yuunvarsiitichaa Dooktar Isheetuu Wandimmuun bakka bu’aa Waajjira Muummee Ministeeraa Dooktar Taammiraat Hayileetti dabarsanii laataniiru.

Kitaabileen yuunvarsiitichi mana kitaabichaaf gumaache dameewwan fayyaa, Saayinsii hawaa, Injinariingii fi infoormeeshin teeknooloojiirratti kan xiyyeeffatan ta’uu Dooktar Isheetuun eeraniiru.

Kitaabilee kanneen kan fuudhaan bakka bu’aan Waajjira Muummee Ministeeraa Dooktar Taammiraat Hayileen, hojiin kitaabilee mana kitaabichaaf walitti qabuu haala gaariin hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Deeggarsa yuunvariitichi taasiseef galateeffachuun dhaabbilee fi lammiilee biroon ga’ee isaanii akka ba’atan waamicha dhiyeessaniiru.

Maddi:- TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.