Yuunvarsiitiin Salaalee barattoota kuma 1 fi 54 ebbisiise
Finfinnee, Hagayya 22, 2013(FBC)- Yuunivarsiitiin Salaalee Marsaa 3ffaan barattoota kuma 1fi 54 Muummeewwan barnoota garagaraan barsiisaa ture ebbisiiseera.
Lammiilee naamusaa fi gahumsa qabu horachuuf Yuunvarsiitiichi xiyyeeffannaa kennee hojjachaa jira.
Fuuldurattis qulqullina fi baay’ina barattootaa caalmaatti guddisuuf kaayyeffatee hojjechaa jiraachuu Preezdaantiin Yuunvarsiitii Salaalee Dooktar Ganaanaw Gofee sirna ebbaa kana irratti himaniiru.
Qorannoo fi qo’annoo gochuun hawaasa naannawaas fayyadamoo taasisaa jira jedhaniiru.
Duudhaa fi aadaa hawaasa naannachaas guddisuufis hojjechaa jira jedhan.
Keessummaan kabajaa Deettaan Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee barnoota Olaanoo Fedaraalaa Dooktar Saamu’eel Kiflee, ebbifamtootaan baga Gammaddan jechuun ogummaa barattaniin hawaasaa tajaajiluun imala biyyatti milkeessuu qabdus jedhan.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.