Yuunvarsiitiin Poolisii Ityoophiyaa barattoota ogummaa garagaraan barsiisaa ture eebbise
Finfinnee, Adooleessa 10, 2013 (FBC) – Yuunvarsiitiin Poolisii Ityoophiyaa barattoota ogummaa garagaraan barsiisaa ture 465 eebbise.
Sirna eebbaa kanaratti Preezdaantii FDRI Saahilewarqi Zawudee fi Komishinara Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Daamalash Gabramikaa’eel dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon biroo argamaniiru.
Yuunvarsiitii Koolleejjii irraa gara Yuunvaarsiitiiti erga guddatee yeroo jalqabaaf barattootaa 465 Preezdaantiin Yuunvarsiitii Poolisii Ityoophiyaa Itti aanaan Komishinara Jeneraal Masfiin Abbabaa himaniiru.
Barattoonni kunneen Saayinsii Poolisiin,qorannoo yakkaa, Ittisa yakkaa fi Saayinsii Fayyaan kan eebbifaman ta’uu himameera.
Eebbifamtoonni kunneen ergama itti laatame ga’umsaan ba’uu akka qaban Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Daamalash Gabramikaa’eel ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.