Yuunvarsiitiin Odaa Bultuum barattoota kuma 1 fi 354 barsiisaa ture eebbisiise
Finfinnee, Hagayya 22, 2013(FBC)- Yuunvarsiitiin Odaa Bultuum barattoota kuma 1 fi 354 marsaa sadaffaaf barsiisaa ture eebbisiiseera.
Sirna eebbichaarrattis Itti Aantuun Preezdaantii fi Qindeesituun Kilaastera Misooma magaaloota Oromiyaa fi walitti qabduun boordii yuunvarsiitichaa Aadde Caaltuu Saanii argamaniiru.
Aadde Caaltuu barattoota eebbifamaniif erga dabarsaniin barnoota barattan kanaan hawaasa keenya quuqamaa fi Amanamummaan yoo tajaajiltan malee barachuun keessan waan biraan hin mul’atu jedhaniiru.
Yuunvarsitichi barattoota kuma 1fi 354 sagantaa idilee fi sagantaa adda addaatin barsiisaa ture eebbisiisee jira.
Yuunvarsitichi Kolleejjii Saayinsii Hawaasaa fi Kolleejjii Inistitiyuutii Bulchiinsa Lafaa fi Teeknoolojiitiin yeroo jalqabaaf Barattoota eebbisiisaa jiraachuutu himame.
Barattoota eebbifaman keessaa % 38 dubartoota jedhameera.
Sirna Eebba kanarratti keessummoonni hoggantoota Federaalaa fi Naannoo ,Hoggantoonni Godinaa fi Maatiin barattootaa argamaniiru.
Preezdantiin Yuunvarsiitii Odaa Bultum Proofeesar Muktaar Muhaammad, barattoonni har’a eebbaaf geessan Baga Gammaddan jechuun Yuunvarsitiin isaanii Humna Nama baratee Biyyaaf gumaachuu keessatti barattoonni har’a eebifaman gahee olaanaa qabaachu himan.
Barattoonni har’a ebbifamtan milkii keessan kan tolu Hawaasa isin barsiise beekumsa argattaniin yoo tajaajiltan qofaas jedhan.
Akka OBN gabaaseetti Ministeer Deetaan Ministeera Saayinsii fi dhaabbilee Barnoota Olaanoo Proofesar Afawarq Kaasuu, Yuunvarsitiin Odaa Bultum Yuunvarsitii dhaloota 4ffaa jedhaman keessatti kan ramadamu yoo tahu,cehumsa Teeknolojii milkeessuu keessatti jalqabbiin yuunvarsiticha keessatti jiru waan abdachiisaadhaa jedhan.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.