Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Naannoo Oromiyaa barattoota kuma 3 fi 490 ture eebbisiise

Finfinnee, Fulbaana, 29 2014 (FBC)- Yuunvarsiitiin Naannoo Oromiyaa barattoota kuma 3 fi 490  muummee barnootaa garaagaraatin barsiisaa ture eebbisiisuu ibsameera.

Yuunvarsiitichi barattoota muummee garaagaraa sagantaa idilee, galgalaa, barnoota fagoo akkasumas sagantaa torbaniin barsiisaa ture digirii jalqabaa fi 2ffaan eebbisiiseera.

Yuunvarsiitichi bara hundeeffama isaa irraa eegalee humna namaa naannoo Oromiyaa cimsuudhaaf barnootaan, qorannoo fi leenjiin akkasumas tajaajila gorsaa kennuun hojii baldhaa hojjechaa turuu isaa preezdaantiin yuunvarsiitichaa Dooktar Gammachuu Araarsaa ibsaniiru.

Bara barnootaa bara kanaan naannoo Somaalee fi Gambeellaa irraa barattoonni  dhufan kan jiran ta’uu  fi yuunvarsiitichi naannoo Oromiyaarra darbee kanneen biroos deeggaraa jiraachuu ibsaniiru.

Maddi:- DhPI

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.