Yuunvarsiitiin Madda Walaabuu jiraattoota aanaalee Shaallaa fi Siraaroof deeggarsa taasiise
Finfinnee, Onkololeessa 28, 2014 (FBC) –Yuunvarsiitiin Madda Walaabuu jiraattoota aanaalee Shaallaa fi Siraarootti namoota hanqina midhaa nyaataa qabaniif midhaan nyaataa deeggare.
Yuunvarsiitichi Godina Arsii Lixaa aanaalee Shaallaa fi Siraarootti abbootii warraa 400’f daakuu kuntaala 200 kennuusaa, itti aanaan Preezdantii Yuunvarsitii Madda Walaabuu Dooktar Hasan Shifaa himaniiru.
Yuunvarsiitiin Madda Walaabuu qorannoo fi qo’annoo rakkoo hawaasaa furan garaagaraa hojjetaa jiraachuusaa Dooktar Hasan himuu isaanii OBN gabaaseera.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.