Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Madda Walaabuu barattoota ogummaa garagaraan barsiisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Hagayya 8, 2013 (FBC) – Yuunvarsiitiin Madda Walaabuu barattoota Kampaasota Roobee fi Goobbaatti ogummaa garaagaraan barsiisaa ture kuma 3 fi 110 eebbisiiseera.
Sirna eebbaa kana irratti Waajjira Muummee Ministiraatti Dursaan Wiirtuu Dagaagina Sirna Diimookiraasii fi walitti qabaa Boordii Yuunvarsiitii Madda Walaabuu obbo Tasfaayee Baljigee dabalatee hoggantoonni olaanoon mooyummaa federaalaa fi naannoo argamaniiru.
Preezdaantiin Yuunvarsiitii Madda Walaabuu Dooktar Ahimad Kaliil Yuunvarsiitichi fedhii fi guddina biyyaa bu’uura godhachuun muummeewwan barnootaa garagaraan barnoota laachaa jiraachuu ibsaniiru.
Bara barnootaa 2014 digirii 3ffaa eegaluuf qophii xumuruu eeraniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.