Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Jimmaa raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 35 taasise

Finfinnee, Mudde 4, 2014 (FBC)- Yuunvarsiitiin Jimmaa raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 35 taasiseera.

Yuunvarsiitichi galiisaa keessaa fi miindaa hoggantootaa fi hojjettoosaarra walitti kan qabe Birrii miiliyoona 35 raayyaa ittisa biyyaaf laateera.

Jilli Preezdaantii Yuunvarsiitii Jimmaa Dooktar Jamaal Abbaafiixaa durfamu magaalaa Finfinnee waajjira Ministeera Raayyaa ittisa biyyatti argamuun deeggarsicha laataniiru.

Deeggarsicha kan fuudhan Ministir deetaan Ministeera raayyaa ittisa biyyaa aadde Maartaa Luwiijii, deeggarsa yuunvaarsiitichi raayyaa ittisa biyyaa taasiseef galateeffachuu ragaan Yuunvarsiitii Jimmaarra argame ni muul’dhisa.

Haaluma walfakkatuun Yuunvarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 20 taasiseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.