Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Jimmaa dameewwan barnootaa akka biyyattii xiyyeeffannoon itti laatameen hayyoota horachuuf hojjechaa jiraachuu beeksise

Finfinnee, Muddee 10, 2013 (FBC) – Yuunvarsiitiin Jimmaa dameewwan barnootaa sadarkaa biyyatti xiyyeeffannoon itti laatameen eebbifamtoota PHD kuma 5 horachuuf hojjechaa jiraachuu beeksise.

Yuunvarsiitii Jimmaatti hayyoota sadarkaa PHD hanga kabaja proofeesar guutuu qaban waliin mariin gaggeeffameera.

Marichaan dameewwan barnootaa sadarkaa biyyatti xiyyeeffannoon itti laatameen hayyoota kuma 5 horachuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Qonni, Oomishni , Albuunni, teeknooloojiin qunnamtii fi dameen Tuurizimii sadarkaa biyyatti kanneen xiyyeeffannoon itti laatameedha.

Waggoota shan keessatti sadarkaa PHDn ogeeyyii kuma 5 horachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.